Fana: At a Speed of Life!

Itti aanaan barreessaa dhimmoota mirga namoomaa DhMG hoggantoota Taalibaan waliin mari’atan

Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC)- Itti aanaan barreessaa dhimmoota mirga namoomaa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii fi qindeessaa deeggarsa labsii yeroo aarifachiisaa Maartiin Giraaftiis Taalibaaniin galaniiru.

Maartiin Giraaftiis gara Afgaanistaan kan imalaniif hoggantoota olaanoo waliin dhimmoota garaagaarratti mari’achuuf ta’uu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutarees himaniiru.

Turtii isaanii hanga ammaattis hoggaanaa Taalibaan Mulaahi Baaridaarii fi hoggantoota olaanoo biroo waliin mari’achuun isaanii ibsaniiru.

Kanaafis lammiilee biyyatti deeggarsa namoomaa barbadaaniis deeggarsa qaqqabsiisuuf haloota dandeessisaan irratti mari’ataniiru.

Maartiin Giraaftiis deeggarsa namooma biyyatti ilaalchisee bifa milka’aan akka raabsamuu lammiileen hundi nageenyaa amasiisaa akka qabatu himaniiru.

Keessayu daa’imman, dubartootaa fi kutaa hawaasa harka qalleeyyiif deeggarsi addaa fi eegumsi akka taasifamuufi qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-CGTN

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.