Fana: At a Speed of Life!

Iityoo Teelekoom galii Birrii biiliyoona 47 ol argate

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Iityoo Teelekoom bara baajataa 2012 galii Birrii biiliyoona 47.7 argachuu beeksiseera.

Hoji raawwachiiftuu olaantuun Iityoo Teelekoom aadde Fireehiywat Taammiruun ibsa guyyaa har’aa laataniin, galichi karoora irraa caalmaa %105.1 qabaachuu himan.

Kunis kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamu caalmaa %31.4 akka qabu ibsan.

Dhaabbatichi waamicha bilbila alaarra Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 47.7 sharafa alaa argachuu beeksisaniiru.

Kanarra darbees liqaa Birriin biiliyoonni 10.2 deebisuun danda’ameera jedhaniiru.

Lakkoofsi maamiila Iityoo Teelekoom kan bara darbeerra %5.8 ol guddachuun miiliyoona 46.2 qaqqabuu kaasaniiru.

Faasikaaw Taaddasaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.