Fana: At a Speed of Life!

Ityoo – Teeleekoom Giddugala Tajaajila Diijitaalaa haaraa hojiirra oolchuu ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Ityoo – Teeleekoom Giddugala Tajaajila Diijitaalaa haaraa (Cloud based Contact center Solution) jedhamu hojiirra oolchuu ifoomseera.

Giddugilichi maamiltootaaf taajila fooyya’aa laachuuf furmaata waaraa ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo – Teeleekoom Aadde Fireehiyiwat Taammiruun ibsaniiru.

Gaaffii maamiltootaa haala gaariin deebisuun tajaajila fooyya’aa laachuurratti faayidaa hedduu qabaachuu kaasaniiru.

Giddu galli kana dura sagalee qofa laachaa ture amma Cloud based waliin caalmaatti qindaa’uun Giddu gala Diijitaalaa ammayyaa addaa ta’uu akka danda’u eeraniiru.

Ityoo –Teeleekoom maamiltoota miilyoona 68.3 horachuun kurmaana kanatti addunyaarraa sadarkaa 23ffaarratti kan argamu ta’uu himuu isaanii EBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.