Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom sirna kaffaltii Bilbilaa ‘Teelee Birrii’ ifatti eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Ityoo Teeleekoom sagantaa sirna kaffaltii Bilbilaa ‘Teelee Birrii’ eegalchiisuu Addabaabayii Michummaatti gaggeeffame.
Saganticharratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Preezdaantoota naannolee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Sirni kaffaltii Teelee Birri kun yeroo qilleessaa guutuu fi tajaajila biroo raawwachuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
Sirnichaan iddoolee neetworkiin bilbilaa jiru kamiiyyuutti gosa bilbilaa kamiiyyuu fayyadamuu raawwachuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.
Maallaqa erguu, fudhachuu kaffaltii bilbilaan raawwachuuf kan dandeessisuudha jedhame.
Biyya keessaa fi biyya alaatti walitti hidhamiinsa kamiiniyuu maallaqa erguu, bittaa meeshaalee fi tajaajilaa raawwachuuf ni dandeessiisa jedhame.
Lakkoofsaherreega Baankii Teelee Birrii waliin walitti hidhuun kan eeyyamamu ta’uu eerameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.