Fana: At a Speed of Life!

Ityoo –Teeleekoom tajaajila 4G Kaaba Baha Damee Baha biyyattiitti hojii eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Ityoo – Teeleekoom tajaajila 4G Kaaba Baha Damee Baha biyyattiitti hojii eegalchiisuu beeksiise.
Ityoo –Teeleekoom tajaajila 4G magaaloota Samaraa, Loogiiyaa, Asaayittaa fi Awaash Kiiloo 7tti hojii eegalchiisuu ibseera.
Dhaabbatichi hanga ammaatti tajaajila 4G babal’isuuf hojii hojjeteen Magaaloota guyyaa har’aa itti eelchiise dabalatee magaalaa Finfinnee, Damee Kibbaa, Damee Bahaa, Kaaba Bahatti Damee Baha, Kibbatti Damee Kibbaa Lixaa, Damee Giddugaleessaa walumaagalatti tajaajjilli 4G magaaloota 44 keessatti hojii eegaluu himameera.
Yerpoo itti aanus magaaloota Tajaajila 4G hin arganne waliin ga’uuF xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ragaan Ityoo – Teeleekoomiirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.