Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom tajaajila 4G magaalaa Gaambeellaatti eegalchiise

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Ityoo Teeleekoom tajaajila 4G Kibbaa Lixaa Damee Lixaa magaalaa Gaambeellaatti eegalchiiseera.
 
Tajaajilli 4G LTE jedhamu kun tajaajila Intarneetii si’ataa fi saffisaan fayyadamuuf kan gargaaru yoo ta’uu, damichatti maamiltoota kuma 93 fi 407 fayyadamoo taasiisuu danda’a jedhame.
 
Ityoo Teeleekoom tajaajila Intarneetii dhaloota 4ffaaffaa magaaloota biyyaattii 103f qaqqabsiisuuf karoorfatee hanga ammatti magaalaa Gaambeellaa dabalatee magaaloota 73 fayyadamoo taasiisuu ibsameera.
 
Dhaabbaticha bara baajataa kanatti magaaloota 106 fayyadamoo taasiisuuf hojjechaa jiraachu ibsameera.
 
Sirna eegalchiisa kanarratti Hojii Raawwachiiftuu olaantuu Ityoo Teeleekoom Aadde Fireehiyiwat Taammiruu fi Preezdaantii Naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluu dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamaniiru jedhame.
 
Maddi:-TOI
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.