Fana: At a Speed of Life!

Ityoo-Teelekoom tajaajila intarneetii fooyya’insa gatii taasise

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Ityoo-Teeleekoom tajaajila Intarneetii irratti foyya’insa gatii fi hir’ifama taasisuu beeksiseera.

Kanaanis fayyadamtoota dhuunfaaf %69, tajaajila VPN hanga %72 akkasumaas Intaarpiraayizootaf haga %65 hiri’ifama gaatii taasiseera.

Hoji raawwachistuun olaantuun Ityoo-Teeleekoom aadde Firehiywoot Taammiiru, fooyya’insichi manneen barnoota, fayyaa, dhaabbilee faayinaansi akkasumaas dhaabbilee daladala biroon shooraa olaanaa qaba jedhan.

Erga hundaa’ee waaggoota 126 kan lakkoofsisee Ityoo teeleekoom yeroo dhiyoo as karoora tarsiimoowa waggaa 3 baasuun ni yaadatama.

Misikkiir Sinaafiqtu gabasee.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.