Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teelekoom Shaashamanneetti mana kitaabaa dijitaalaa Birrii kuma 690 ijaaree hojii jalqabsiise

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Itiyoo Teelekoom Magaalaa Shaashamannee mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Shaashamanneetti mana kitaabaa dijitaalaa Birrii kuma 690 ijaare hojii jalqabsiiseera.

Itti Gaafatamaan Ityoo Teelekoom Damee Kibbaa Obbo Juunaydiin Abdulqaadir Ityoo Teelekoom barattoota ciccimoo maqaa biyyaa waamsisuu danda’aniif teeknooloojiin deeggaruuf manneen kitaabaa diijitaalessuurratti xiyyeeffatee hojjachaa jira jedhan.

Ityoo teelekoom waliigalaan manneen barnootaa 66’tti mana kitaabaa dijitaalaa kuma 140’f tajaajila kennuu danda’an ijaaruudhaaf hojjachaa jira jedhameera.

Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanee Takilagiyoorgis karoora dame barnootaan qabame galmaan gahuuf damecha teeknooloojiin deeggaruuf hojiileen Itiyoo Teelekoom jajjabeeffamu qabu jedhaniiru.

Teeknooloojichas manneen barnootaa birootti babal’isuuf bulchiinsi magaalichaa ni hojjata jedhaniiru.

Barattoonni mana barumsichaa barnoota qulqullina teeknooloojii dijitaalatti fayyadamuun qo’achuun bu’aa abdachiisaa fiduu akka dandeessisuun abdii qaban ibsaniiru.

Xilaahuun Yilmaa fi Jibriil Huseen

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.