Fana: At a Speed of Life!

Ityoo-Teeleekoom  giddugala odeeffannoo moojulaaraa haala waliin fayyadamuun dabnda’amurratti dhaabbilee 4 waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Ityoo-Telekoom  giddugala odeeffannoo moojulaaraa haala waliin fayyadamuun dabda’amurratti dhaabbilee 4 waliigaltee mallatteesseera.

Dhaabbatichi waliigalticha kan mallatteesse Baankiin Zamzam, Baankii Zaman, Baankiin Hijiraa fi dhaabbata liqiif qusannoo Raaysi, waliin ta’uu ibsameera.

Giddugalichi dhaabbileen faayinaansii tajaajila si’ataa kennuu fi miidhaa gama haalellaa saaybariin dhufu qolachuuf kan gargaarudha jedhameera.

Teeknooloojichi danbalii maallaqaa biyyattii saffisisuu irra darbee, Ityoophiyaan diinagdee diijitaalaa yeroo gabaabaa keessatti akka milkeessituuf kan  haala mijeessu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo-Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruun ibsaniiru.

Dhaabbileen maallaqaa biyyattiis, haala salphaa ta’een tajaajila akka kennaniif kan  gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.