Fana: At a Speed of Life!

Ityoo-Telekoom Piroogiraamii haaraa “Ityooteel Innooveeshin” ifoomse

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Ityoo-Telekoom Piroogiraamii haaraa “Ityooteel Innooveeshin” jedhamu ifoomse.

Piroogiraamichi damee biiznasii kilaawudiifi moobaayil faayinaansiin lammiilee hedduuf carraa hojii kan uumu ta’uu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Ityoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun ibsaniiru.

Dhaabbatichi tattaafii tajaajila isaa babal’isuufi ammayyeessuuf taasisurra darbee teekinooloojiiwwan biyya keessaafi carraa hojii uumuu jajjabeessuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Boqonnaa jalqabaa piroogiraamichaarratti warreen dorgomuu barbaadan Guraandhala 3,2015- Bitootessa 3, 2015’tti gama iimeelii ethiotelinnovation@ethiotelecom.et galmaa’uu kan danda’an ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.