Fana: At a Speed of Life!

Ityoo-Telekoom Yuunivarsiitii Finfinneetti kutaa barnootaa “Ismaart” eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)- Ityoo-Telekoom Ministeera Barnootaa waliin ta’uun Yuunivarsiitii Finfinnee Kaampaasii Araat Kiilootti kutaa barnootaa “Ismaart” eegalchiise.

Sagantaa eegalchiisaa kanarratti Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa, Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Ityoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruufi Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasahu Waldahaannaa dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Kutaan barnootaa kun teekinooloojiin ammayyaa garaagaraa kan guutameefi adeemsa baruufi barsiisuu haala salphaan adeemsisuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Ragaalee barnootaa haala salphaan argachuufi qaawwaa warreen teekinooloojii diijitaalaa fayyadamaniifi hin fayyadamne gidduu jiru dhiphisuuf shoora olaanaa qabaachuu eerameera.

Addisuu Muluunahitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.