Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee deeggarsaa fi liqaa doolaraa miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 12.5 walii mallateessan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC)- Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee deeggarsaa fi liqaa doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 12.5 walii mallateessaniiru.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Baankii  Addunyaatti bakka bu’aan Afrikaa bahaa Oosmaan Diyoon mallateessaniiru.

Bu’ura waliigaltichaan deeggarsaan doolaraa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 12.5 yoo ta’u, miiliyoonni 200 ammoo liqaan ta’uu ibsameera.

Maallaqichi sagantaa wabii nyaata Ityoophiyaatti gaggeeffama jiru cimsuufi jedhameera.

Sagantichi iddoowwan baadiyyaa hiyyumma hamaa kessaa jiraanii fi sababa hongeef hanqina nyaataaf saaxilamoo ta’an fayyadamoo  taasisaa jedhameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.