Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Faransaay waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 96 olii walii mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Faransaay waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 96 olii walii mallatteessan.

Waliigalteen deeggarsa Yuuroo miiliyoona 20 (Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 96.90) kun haaromsa masaraa mootummaa fi qonna intarpiraayizii misooma xixiqqaa fi jiddugaleessaa utubuuf kan ooludha.

Kana keessaa haaromsa masaraa mootummaatif Yuuroo miiliyoona 12, qonna intarpiraayizii misooma xixiqqaa fi jiddugaleessaa utubuuf ammoo Yuuroo miiliyoona 8 waliigaltichaan kan mallatteeffame.

Waliigalticha kan mallatteesse ministira Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiidee fi daayreektara biyyoolessaa Eejansii Misooma Faransaay Vaaliiree Teehiyoodha.

Sirni mallattichaa kallattiidhan bakka Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaayii fi Gamtaa Afrikaatti bakka bu’aan biyyattii Freederiik Boonteems argamanitti raawwatameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.