Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Fiinlaand raawwii proojaktii koowashiif waliigaltee Birrii biiliyoona 1.3 olii walii mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Fiinlaand raawwii proojaktii bishaan dhugaatii qulqulluu fi eegumsa fayyaatif(koowash) waliigaltee Birrii biiliyoona 1.3 olii walii mallatteessan.
 
Proojaktichi naannolee shan; Oromiyaa, Amaaraa, Kibba, Tigraayii fi Beenishaanguul Guumzitti hojiirra kan ooludha.
 
Tumsi maallaqichaa hojiirra oolmaa proojaktii marsaa 4ffaaf kan gadhiifamedha.
 
Tumsicha keessaa Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 44 mootummaan Fiinlaand kan uwwisu yammuu ta’u, Birrii miiliyoona dhibba 7 ammoo mootummaa Ityoophiyaatu danda’a.
 
Proojaktichi bara Faranjootaa 2013 eegalee hojiirra oolaa jira.
 
Mootummaan Fiinlaandii fi Ityoophiyaa waggoottan 25n darbanitti nananolee 5 keessatti aanaalee argaman 76tti bishaan dhugaatii fi eegumsa fayyaarratti waliin hojjechaa turaniiru.
 
Kanaanis lammiileen miiliyoonni 6 fayyadamoo ta’aniiru.
 
Raawwii hojichaatif Fiinlaand Birrii biiliyoona 2.8, Ityoophiyaan ammoo Birrii miiliyoona dhibba 7 baasii taasisaniiru.
 
Naatnaa’eel Xigaabuutu gabaase.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.