Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa waliigaltee liqaa Doolaara miiliyoona 93 walii mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa waliigaltee liqaa Doolaara miiliyoona 93 walii mallatteessan.

Liqaan kunis Baankii Alergii fi Fichisiisa Kooriyaarraa kan argamedha.

Liqaan argame kunis Birrii biiliyoona 3tti kan siqu ta’uu Ministeerri Maallaqaa FDRI beeksiseera.

Maallaqni argame ijaarsa daandii baasii saffisaa Finfinnee fi maanaajimantii misooma lafaatif kan ooludha.

Waliigaltichis sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin kopha kophaa; ministir deettaa Ministeera Maallaqaa Admaasuu Nabbabaa fi hoji raawwachiisaa olaanaa baankichaa Shiin De’oog Yoongin mallatteeffameera.

Proojaktiin baasii saffisaa Doolaara miiliyoona 63 kan fudhatu yammuu ta’u, waggaa 5 keessatti ni xumuramaan eegama.

Proojaktiin maanaajimantii misooma lafaammoo Doolaara miiliyoona 30 kan barbaadu yammuu ta’u, waggaa 6 keessatti xumuramaan eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.