Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Morookoon waggaatti xaa’oo toonii miiliyoona 3.8 oomishuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)- Ityoophiyaa fi Morookoon waggaatti xaa’oo toonii miiliyoona 3.8 oomishuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Ityoophiyaan Morookoo waliin waliigaltee Dirree Dawaatti proojektii oomisha xaa’oo biyyee jalqabuu dandeessisuu mallatteessiteetti.

Jilli Ministira Ministeeraa Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen durfamu Morookoottii daawwannaa hojii taasisaa jira.

Waliigalteen dhaabbata mootummaa Morookoo ‘OCP’ jedhamuu waliin mallatteeffamee kun Dirree Dawaatti proojektii oomisha xaa’oo hojjechuu kan dandeessisuu ta’uun himameera.

Proojektichaatti kaappitaalli doolaara biiliyoona 2.4 ta’u kan baasii itti ta’uu fi boqonnaa jalqabaatin xaa’oo toonii miiliyoona 2.5 ni oomishas jedhameera.

Boqonnaa 2ffaan ammoo kaappitaala doolara biiliyoona 3.7 baasun waggaatti xaa’oon toonii miiliyoona 3.8 akka oomishamu ibsamuu ragaan Ministeera Maallaqaarra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.