Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Paakistaan tumsa paarlaamaa cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa fi Mootummaan Rippabilika Islaamummaa Paakistaan tumsa paarlaamaa isaanii cimsuuf waliigalaniiru.

Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Baker fi Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Seeneetii Faayinaansii fi Galii Paakistaan seenaatar Saleem Mandviwala waliigaltiicha mallatteessaniiru.

Hoggantoonni kunneen hariiroo waloo biyyoota lamaanii fi dhimmoota hunda galeessa diinagdee, fayyaa, barnootaa fi turizimii irratti mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Mootummaan Ityoophiyaa Paakistaanitti Imbaasii banuu fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa gara biyyattiitti balallii eegaluu Ambaasaaddar Jamaal Bakar seenatarichaaf ibsa taasiisaniiru.

Jilli guddaan daldaltoota Paakistaan baatii Sadaasaa keessa Ityoophiyaa daawwachuun carraawwan daldalaa fi Invastimantii biyyattii keessatti argaman adda baafachuun kan yaadatamuudha.

Seenetar Saaleem Mandviwalaan tumsa biyyoota lamaanii, naannawaa fi biyyoota hedduu cimsuuf kutannoo qabaachuu eeraniiru.

Tumsa paarlaamaa biyyoota lamaanii guddisuuf bakka bu’ummaa paarlaamaa biyyoota lamaanii gidduutti waljijjiirraan yaadaafi muuxannoo akka jiraatuuf walii galuu isaanii ragaan Paakistaanitti Embaasii Ityoophiyaarraa arganne ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.