Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa galii walitti qabuurratti muuxxannoo wal jijjiirraa taasisan

Finfinnee, Eebla 6, 2013 (FBC)- Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa galii walitti qabuurratti muuxxannoo wal jijjiirraa taasisaniiru.
Gareen jila Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Sudaan Kibbaa Jaamsi Piitiyaa Moorgaaniin durfamu haala raawwii kaashi reegistarii irratti Ityoophiyaa irraa muuxannoo fudhachuuf hooggantoota hojii ministeera galiiwwanii waliin guyyaa har’aa mari’ataniiru.
Gorsaan Taaksii Ministeera Galiiwwanii obbo Nabiyyuu Saamu’eel Ityoophiyaan Taanzaaniyaa irraa muuxannoo fudhachuun vaatii hojiirraa oolchuu ibsuun, Sudaan Kibbaa Kaashi Reegistarii hojiirra oolchuuf Ityoophiyaarraa muuxxannoo fudhatamu akka jiru ibsaniiru.
Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Sudaan Kibbaa Jaamsi Piitiyaa Moorgaan gama isaaniin, haala galii walitti qabuurratti biyyi isaanii Ityoophiyaan waliin hojjechuuf fedhii akka qabdu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.