Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Sudaan rakkoo isaan mudate miira obbolummaa fi ollaa gaariin furuuf dandeetti qabu- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Sudaan rakkoo isaan mudate miira obbolummaa fi ollaa gaariin furuuf dandeetti qabaachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa FDRI Abih Ahimad haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi Sudaan ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, biyyoonni lamaan obboleeyyan ta’uu eeraniiru.

Biyyoota lamaan gidduu rakkoon jiraachuu kan ibsan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, obboleeyyyaan kunneen rakkoo isaan mudate furuuf tattaafachuu fi tumsa taasiisu qabu jedhan.

Biyyoota lamaan walitti buusuu qaamni barbaadu jiraatus qaamoleen kunneen walitti bu’iinsa ummata biyyoota lamaanirraa bu’aan argatan hin jiraatu jechuun ibsaniiru.

Dhiibbaa humna alaan biyyoota lamaan gidduutti waldhabdeen uumamuu akka hin qabne hubachiisuun, of to’achuu fi walitti bu’iinsarraa of qusachuu qabna jedhan.

Afuura diinaa Gidduu keenya galchuu caalaa misoomaan waltumsuun waliin guddachuutu nurra jiraata jechuun ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.