Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa halkan tokkotti Meedaaliyaa Warqee 4 fi Meetii 2 argatte

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii addunyaa umrii waggaa 20 gadii halkan edaa gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa Maadaaliyaa Warqee 4 fi Meetii 2 injifatan.

Fiigicha meetira kuma 5 dubartoota gidduutti gaggeeffeen Atleet Madinaa Isaa daqiiqaa 15:29.71 xumuruun Maadaaliyaa Warqee, Atleet Malkinaat Wudduu daqiiqaa 15:30.06 xumuruun maadaaliyaa Meetii Ityoophiyaaf argamsiisaniiru.

Fiigicha meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti fiiggameenis Atleet Birqee Hayyaloom 4:04.27 riikkadii iddichaa fooyyessuun meedaaliyaa Warqee argatteerti.

Akkasumas fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 Atleet Saamu’eel Dugunaa daqiiqaa 8:37.92 xumuruun Meedaaliyaa Warqee, Atleet Samu’eel Fireew daqiiqaa 8:39.11 xumuruun Meedaaliyaa Meetii injifataniiru.

Bifuma walfakkaatuun fiigicha meetira 800 Atleet Eermiyaas Girmaa fageenyicha daqiiqaa 1:47.36 xumuruun Meedaaliyaa Warqee argateera.

Ityoophiyaa Waliigala dorgomicha meedaaliyaa Warqee 6, Meetii 5 fi Nahaasii 1, meedaaliyaa 12 addunyaarraa sadarkaa 3ffaan xumurteerti.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.