Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa iddoolee hedduutti tajaajilli humna elektirikaa adda cituu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa naannolee hedduutti tajaajilli humna elektirikaa adda cituu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksisu.
 
Sararri daddabarsaa humna elektirikaa Xaanaa Balasii gara Bahaa Daar diriire abbaan Kiiloo Vooltii 400 rakkoo teeknikaa muudateen har’a naannoolee Ityoophiyaa iddoo garaagaarratti tajaajilli humna elektirikaa adda cituu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Sararicharra rakkoo hir’achuu humna qaqqabeen waliigala biyyattiitti hanqinni dhiyeessii muudachuu daayreektarri Koominikeeshinii dhaabbatichaa obbo Mogas Makkoonnin ibsaniiru.
 
Sababa kanaan guyyaa har’aa sa’aatii 5 eegalee tajaajilli humna elektirikaa cituu ibsaniiru.
 
Rakkoo qaqqabeen maddi aanniisaa Gibe 3 fi aanaa balas humna maddisiisuu dhaabuu eeraniiru.
 
Rakkicha furuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.