Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts guutinsa bishaanii fi bulchiinsa isaarratti wixinee waliigaltee dhumaa qopheessuuf Kaartuumitti walga’aniiru

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts guutinsa bishaanii fi bulchiinsa isaarratti wixinee waliigaltee dhumaa qopheessuuf Kaartuumitti walga’aniiru.
 
Waltajjicharratti Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa taajjabdummaan hirmaacha ajiru.
 
Wixinee waliigaltichaa qopheessuuf kan walga’an ogeeyyii teeknikaa fi seeraa biyyoota sadaniiti.
 
Walga’iin torbeedhan dura Ameerikaatti gaggeeffame bifa faayidaa Ityoophiyaa kabachiisen waliigalteerra ga’amuusaa Ministeerri Dhimma Alaa FDRI fi Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI beeksisuun isaanii ni yaadatama.
 
Akkaataa waltajjichaatin hidhicha Adoolessaa fi Hagayya keessa, takkees Fulbaana keessa bishaanin guutuuf waliigalteerra ga’ameet ture.
 
Biyyoonni sadan waliigaltee dhumaarratti mari’achuuf Amajjii 19 fi 20,2012tti beellama qabataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.