Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa wareegama keenyaan utubnee ni dhaabna-Ajaja Giddugaleessaa

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa wareegamaa fi dhiiga keenyaan utubnee ni dhaabna jechuun Ajajaan Olaanaa Ajaja Giddugaleessaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Zawuduu Balaay dubbatan.

Jeneraal Zawuduun baatiiwwan hedduuf kan leenji’aa turan sagantaa eebbaa eebbifamtoota hoggantoota dhibbaarratti haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaa dhiigaa fi wareegama keenyaan utubnee ni dhaabna jedhaniiru.

Eebbifamtoonnis weerartootaa fi shororkeessitoota bakka ga’etti akka dhaabbatuuf gochaan gootummaa galmeessan kan boonsuudha jedhaniiru.

Fuuldurattis dirqama mudatan raawwachuuf qophaa’uu akka qaban himanii, nuti utubaa birmadummaa Ityoophiyaati jedhaniiru.

Hoggantoonni dhibbaas miseensota hogganan, gootummaan, saayinsii loltummaa fi naamusaan, ga’umsaan hogganuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dursaan Garee Leenjii Ajaja Giddugaleessaa Letenaal Koloneel Malaakuu Abajjee gama isaaniin, eebbifamtoonni turtii leenjii isaaniin ogummaa saayinsii loltummaa argatan hojiirra oolchuun akka irraa eegamu ibsaniiru.

Ajajichi fuulduratti dirqama kennamu gootummaa fi kutannoon raawwachuuf qophii xumuruu ibsamuu ragaan Rayyaa ittisaa biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.