Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Hindiin walta’iinsa dame hawaasummaan qaban cimsuuf walii galan

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen Ministira Ministeera Haqaa Haawaasummaa fi Gahumsaa Hindii Dooktar Veereendiraa Kuumaar waliin haala hariiroo hawaasummaa biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin hariiroo biyyoota lameenii gara michooma tarsiimawaatti guddisuun barbaachisaa ta’uu anga’oonni lameen waliif galaniiru.

Sagantaalee ijaarsa dandeettii, carraa hojii uumuu, leenjii dargaggootaafi kutaalee hawaasaa rakkoo dinagdee qaban deeggaruu haala danda’amurratti mari’achuus eerameera.

Keessumaa qaama miidhamtoota ga’oomsuu, fayyadamummaa baala sammuu namaa hadoochuu ittisuufi deebisanii dandamachiisuu akkasumas maanguddoota irratti haala addaan hojjechuuf waliigaluu ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa wiirtuu maanguddootaa hundeessuuf piroojektii haaraa bocuun hojjechaa jiraachuufi wiirticha hundeessuuf Hindiirraa muuxannoo guddaa kan fudhatu ta’uu Dookt’r Ergoogeen dubbataniiru.

 

Mootummaan Hindii deeggarsa sirna barnootaa Ityoophiyaaf taasisu dinqisiifachuun, carraa barnootaa barattoota Ityoophiyaaf kennu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Ministira Ministeera Haqaa Haawaasummaa fi Gahumsaa Hindii Dooktar Veereendiraa Kuumaar gamasaaniin, hariiroon gama maraa biyyoota lameenii kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuun, Hindi hariiroo kana gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf fedhii qabaachuu eeruu TOI Ggabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.