Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Jaappaan misooma hoortikaalchariin waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Jaappaan misooma hoortikaalchariin waliin hojjechuuf waliigaluu ibsame.

Waliigalticha Ministeera Qonnaatti Ministir Deetaan damee Qonnaafi Hoortiikaalcharii Dooktar Mallas Makonnin fi Ejensii Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Jaappaanitti Bakka Bu’aan Ityoophiyaa Mooraahaaraa Kaasuukiin mallatteessaniiru.

Piroojektiin ijaarsa dandeettii oomisha hoortikaalcharii qonnaan bultootaa sadarkaa xixiqqaa sagantaa boqonnaa jalqabaan naannolee Oromiyaafi Amaaraatti hojjetamaa turuu eerameera.

Sagantaa 2ffaan ammoo naannolee Uummattoota Kibbaafi Sidaamaatti hojjechuuf waliigalamuu ibsameera.

Fedhii mootummaan Jaappaan misooma hoortiikaalchariirratti Ityoophiyaa waliin hojjehuuf qabu Dooktar Mallas Makonnin dinqisiifataniiru.

Ejensii Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Jaappaanitti Bakka Bu’aan Ityoophiyaa Mooraahaaraa Kaasuukiin gamasaaniin, piroojektichi misooma hoortiikaalchariirratti deeggarsa qonnaan bultoota sadarkaa xixiqqaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.