Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan dhiibbaa mirgoota namoomaa jiru jedhaman irratti qorannoo barbaachisaa ni taasifti-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan dhiibbaa mirgoota namoomaa jiru jedhaman irratti qorannoo barbaachisaa akka taasiftuu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirii Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnii ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan Mana Maree mirga namoomaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii 46ffarratti haasaa taasisaniiru.
Haasaa isaaniitin dhiibbaa mirga namoomaarratti mootummaa xiyyeeffannoo cimaa laachuun himaniiru.
Mootumman dhiibbaa mirgoota namoomaa jiru jedhaman irratti qorannoo barbaachisaa taasisuun qaamolee hirmaatan akka itti gafatamaan taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan Komishiniin Mirga Namoonaa Ityoophiyaa haleellaa Maayikaadiraa dabalatee, dhiibbaa namootaa nagaarra ga’uu, dhiibbaa koorniyaa fi kanneen biroorratti gabaasa dhiyeessuu ibsaniiru.
Deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifama jiruun walqabsiisee, mootummaan lammiilee deeggarsi barbaachisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.