Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Eemireetota Araba Gamtoomaniitti haleellaa gareen shororkeessaa lammiilee nagaarratti raawwatame balaaleffatte

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Eemireetota Araba Gamtoomaniitti haleellaa garee shororkeessaan lammiilee nagaarratti raawwatame balaaleffachuu ibsame.

Gochi garee shororkeessaa kanaa seera idil-Addunyaa kan cabsee waan ta’eef Ityoophiyaan haleellaa raawwatame kan balaalleffattu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ityoophiyaa ibsa baaseen eereera.

Mootummaa fi Uummaanni Ityoophiyaa haleellaa kanaan lammiilee Eemireetota Araba Gamtoomaniitti lubbuun isaani darbeef  gaddaa itti dhagahamuu ibsuun,namoonni miidhaan irra qaqqabe dafiin akka dandamataan hawwameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.