Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan haleellaa Alshabaab Somaaliyaa Hoteela Viillaa Roozitti raawwate balaaleffatte

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa haleellaa gareen shororkeessaa Alshabaab Somaaliyaa Hoteela Viillaa Roozitti raawwate balaaleffate.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, gareen shororkeessaa Alshabaab guyyaa kaleessaa Waajjira Pireezidaantii Somaaliyaa cinaatti kan argamu hoteela Viillaa Roozirratti raawwachuun ni yaadatama.

Mootummaan Ityoophiyaas maatiiwwan haleellaichaan miidhamanii fi mootummaa Somaaliyaaf gaddaa cimaa itti dhaga’me ibseera.

Mootummaan Ityoophiyaa yeroo rakkisaa kan keessatti mootummaa Somaaliyaa cinaa akka dhaabbatu fi fuuldurattis garee shororkeessichaa qindoominaa fi walta’iinsaan dhabamsiisuuf akka hojjetu ibsa baaseen akeekeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.