Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hanga bara 2017tti lammiilee ishee hundaaf humna elektirikaa dhiyeessuuf hojjechaa jirti – Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan hanga bara 2017tti lammiilee ishee hundaaf humna elektirikaa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan Siimpooziyeemii weebinaaraan har’a Yuunaayitiied Kiing Damii fi Ministiroota Iinarjii Afrikaa waliin gaggeeffamerratti Ityoophiyaan hanga bara 2017tti lammiilee ishee hundaaf humna elektirikaa dhiyeessuuf karoorfattee hojjechaa jirti jedhan.

Siimpooziiyeemii kanarratti ministiroonni Iinarjii Ityoophiyaa, Moorookoo, Gibts, Moozaambiikii fi Mooriitaaniyaa haasawa taasiisaniiru.

Qooda fudhattoonni 183 marii kanarratti hirmaachuu ragaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjiirraa argame ni agarsiisa.

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan lammiileen Ityoophiyaa %60 yeroo ammaa fayyadamoo humna elektirikaa ta’uu ibsaniiru.

Waggoottaan kurnan itti aananitti Humna Elektirikaa Meegaa Waatii kuma 20 maddisisuuf karoorfattee hojjechaa jirti jedhan.

Ityoophiyaa hanga bara 2017 yookaa bara Faranjootaa 2025tti lammiilee ishee hundaaf humna elektirikaa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.