Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ijoollee ishee yaada rakkoolee furan qabaniin guddina ishee itti fufsisti-Aadde Mufaariyaat Kaamil

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan ijoollee ishee yaada rakkoolee furan qabaniin guddina ishee itti fufsisti jechuun Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamil ibsan.

Aadde Mufaariyaat Inistitiyuutii Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii daawwataniiru.

Daawwannaa isaanii ilaalchisuun toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Ministeerrii Hojii fi Ogummaa fi Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknoolooji waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Inistitiyuutii Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii marsaa jalqabaan lammiilee kennaa addaa qabanii fi fedhii barnoota kalaqaa fi gochaa barbaadan guutuu biyyattiirraa simachuuf qophii xumuruu hubachuu eeran.

Kunis damee kalaqa teeknoolojii fi hojii uumuutiin Ityoophiyaa fuuldurratti kan tarkaanfachiisan lammiilee yaada maddisiisan, yaada isaanii gara hojii qabatamaatti kan jijjiiran ta’uu himaniiru.

Interpiraayizoota hedduu fi fuulduratti dhaabbileen akka uumamaniif bu’uura ta’uun kan tajaajilu akkasumas lammiilee hedduuf balbala carraa hojii akka banu amantaa qaban ibsaniiru.

Ityoophiyaan ijoollee ishee yaada rakkoolee furan qabaniin guddina ishee itti fufsisti kan jedhan Aadde Mufaariyaat, manni hojii ministeerichaa inistitiyuutichaa bantii qaroominaa hojiilee kalaqaa addunyaan irraageesse irraan ga’uuf qaamolee yaada maddisiisan galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.