Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan karoora biyyaalessaa ishee galmoota ajandaa 2063 walsimsiisuun hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa jirti-Dooktar Fitstum Asaffaa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan karooraa biyyaalessaa isheen galmoota ajandaa 2063 walsimsiisuun hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitstum Asaffaa.

Ajandaa Afrikaa 2063 raawwii fi karooraa fuulduree waggootaa 10 rratti Ministiroonnii Pilaanii Fi Mispomaa biyyoota miseensota Gamtaa Afrikaa marsariitiin mari’ataniiru.

Mariicharratti kan hirmaataan Ministirri Miisteeraa Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa, Ityoophiyaan karoora biyyaalessaa ishee galmoota ajandaa 2063 walsimsiisuun hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa jirti jedhaniiru.

Vaayirasiin koronaa dabalatee walitti bu’iinsi biyyattii keessaatti mudatan gufuu yoo ta’anillee, rakkolee kanneen dandamachuun bu’aan argamee waggoottan 10’n dhufaniif muuxannoo kan ta’uudha ibsan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin eegalameen waggoottan sadan darban biqiltuu biiliyoonaa 18 ol dhaabamuu himaniiru.

Bara kanas, biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuun waggootaa afur keessatti biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuudhaan galma qabame milkeesuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kunis ajandaa 2063 keessaatti eegumsaa naannawaa fi kunuunsa qabeenyaa umamaan ijaarsa misoomaa hawaas-diinagdee waaraaf galmoota qabaman milkeessuuf Ityoophiyaan raawwii gaarii argisiisaa jirti jedhaniiru.

Ityoophiyaan riifoormii diinagdee biyya keessaa, damee aviyeeshini fi dameewwan diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa biroon bu’aa argamsiiste cimsuu fi hanqinaalee jiran furuuf, milkaa’ina ajandaa 2063’f gahee gama ishee akka bahattu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.