Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan kuusaa ragaa biyyee irratti qonna ICT jalqabde

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Waggoottan sadan darbaniif qophiirra kan ture kuusaan ragaa biyyee biyyaalessa Ityoophiyaa guutumaa guutuutti xumuramuun sirni jalqabbii kuusaa ragaa biyyee irratti qonna ICT gaggeeffameera.

Yeroo ammaa wabiin midhaan nyaataa dhimma diinagdee qofa osoo hin taane dhimma birmadummaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Abrahaan ibsaniiru.

Wabii midhaa nyaataa mirkaneessuuf Oomishaa fi oomishtummaa fooyyessuun hojii ijoo ta’uu kaasaniiru.

Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf ammoo teeknooloojii fooyya’aa fayyadamuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Teeknooloojii har’a hojii eegale kana hojiirra oolchuun damee qonnaarratti jijjiirama olaanaa fiduu akka danda’u Piroofeesar Iyyaasuun himaniiru.

Hanqinni Teeknooloojii ragaa biyyoo kuusuu, walitti hidhuu, ammayyeessuu fi fayyadamuurratti hudhaa ta’ee turuu kaasaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggartootaa biyyaalessaa fi idil addunyaa waliin ta’uun sirna ragaa biyyee biyyaalessaa duriirsuuf tattaaffii olaanaa taasiisaa turee eeruu isaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.