Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan marii hidha haaromsaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuu milkiin xumuruuf ejjenno qabdu beeksifte

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan marii sadeenii hidha haaromsaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuu milkiin xumuruuf ejjenno qabdu beeksifteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa dhimma marii sadeenii ilaalchisee ibsa laateera.

Ibsichaanis Ityoophiyaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeessitu milkiin xumuruuf ejjennoo hin jijjiirramnee qabachuushee ibseera.

Kanaan waliin walqabsisee mariin Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamuu fala furmaataa murteessaa ta’uu ibsameera.

Ibsi nministeerichaa mariin sadeeni gaggeeffamaa ture addaan cite bu’aa siyaasaaf akka ooluu taasisuun gaddisisaa ta’uu ibseera.

Ityoophiyaan dhimmicharrati ejjennooshee ibsitee wayita jirtuutti dhimmicha gara mana mare nageenyaattii geessuun fudhatamaa kan hin qabnee ta’uu ragaan Ministeera Dhimma alaarra argamee ni muul’dhsa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.