Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan muxxannoo Yaa’ii idil-addunyaa milkaa’inaan keessummeessuu cimsitee itti fufte – TKM

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan akkuma kanaan duraa muxxannoo Yaa’ii idil-addunyaa milkaa’inaan keessummeessuu cimsitee itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.

Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa 17ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu tajaajilichi ibseera.

Yaa’iin kun wayita kana Ityoophiyaatti gaggeeffamuun maqaa gaarii biyyatti ijaaruu fi damee dippiloomaasiin hiikoo addaa qabaachuu tajaajilichi ibsa baaseen himeera.

Biyyoonni addunyaa hedduun yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu kaaseera.

Ityoophiyaan qormaatilee muudatan hunda injifachuun yaa’ii kana qopheessuun ishee biyyaa bu’uura cimaa qabdu ta’uu agarsiifteerti jechuun ibseera.

Kanneen maqaa ishee xureessuuf yaalaa turan hunda qaaneessuu danda’uu ishee himeera.

Yaa’iin kun Ityoophiyaatti akka hin gaggeeffamne duulli olaanaan irratti gaggeeffamus hojii dippiloomaasii fi hoggansa cimaa hojjetameen carraa qopheessummaa argachuu eeruun, yaa’ichaan milkaa’inaan gaggeeffamaa jiraachuu himeera.

Ityoophiyaan rakkoo yeroof muudatuu ol kan taate biyya abdii guddaa qabdu ta’uu ishee ibseera.

Hirmaattoonni yaa’ichaa qabatamaan kana kan arganii fi ragaa akka ba’an carraa kan uumu ta’uus himeera.

Yaa’ichi adeemsa ijaarsa Diinagdee Diijitaalaa Ityoophiyaan eegalte kan tumsu ta’uu isaan qaamni dhimmi ilaallatu hundi milkaa’ina isaaf qooda irraa eegamu akka ba’u mootummaan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.