Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan nageenyumma nyaataa fi oomishtumma qonnaa mirkaneessuuf misooma baadiyyaa babal’isaa jirti- obbo Gaadduu

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan nageenyumma nyaataa fi oomishtumma qonnaa mirkaneessuuf misooma baadiyyaa babal’isaa akka jirtu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaaw ibsaniiru.

Obbo Gadduun, waltajjii waggaa ministeerota garee biyyoota guddataa jiranii viidiyoo koonfiraansiin gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

Waltajjichi guddina itti fufiinsa qabu adda baasuu fi qajeelfama raawwii imaammataa waggaa dhiyeeessuuf akka ta’ee ibsameera.

Ministeerri dhimma alaa Ityoophiyaa galmaa misooma itti fufaa fi sagantaa gochaa Istaanbuul milkeessuuf dhimmoota rakkoo ta’an dhiyeessera.

Weerarrii vaayrasii koroonaa biyyoota guddata jiran irratti bu’aaleen misooma galma’aan kan dadhaabsiisee ta’uu obbo Gadduun beeksisaniiru.

Biyyoonni guddinarra jiranitti rakkoon jijjiirrama qabeenya qilleensaa, hiyyuumma fi hoji dhabduumman furuun gufuu ta’uun itti fufuu isaa kaasaniiru.

Ityoophiyaatti rakkoowwan kunneen jiraataniis nageenyumma nyaataa fi oomishtummaa mirkaneessuuf misooma baadiyyaa akka babal’istuu dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.