Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Saatalaayitii 2ffaa baatii Muddee gara Hawwatti furguugufi

Finfinnee, Fulbaana 12 , 2013 (FBC) – Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa Saatalaayitii 2ffaa qorannoo dacheef gara Hawaatti baatii Muddee 2013 furguuguuf ta’uu beeksise.
 
Saatalaayitiin 2ffaan kun Muddee 10, 2013 giddugala furguuga Saatalaayitii Chaayinaa gara Hawaa kan Furgugamtu ta’uu daayreektarri olaanaan Inistiityuutichaa Dooktar Salamoon Balaay turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.
 
Guyyaa fi sa’aatii Saatalaayitiin jalqabaa Ityoophiya bara darbe furgumateetti isheen 2ffaan moggaasaa ‘ET Smart’ jedhamuu laatameef gara hawaatti ni furguugamti jedhaniiru.
 
Saatalaayitii 2ffaan qorannoo dachee kun bakka isheen duraa hin qaqqabne uwwisuun odeeffannoo qonnaaf oolu laachuun shoora olaanaa baati jedhameera.
 
Umrii waggaa 3 hanga 4 kan jiraattu Saatalaayitiin kun Kiiloo graama 12 ulfaatti jedhame.
 
Saatalayiitiin jalqabaa baasii kana dura odeeffannoof ba’u hambisuu caalaa damichaan hariiroo biyyaalessaa fi idila addunyaa cimsuu keessatti tajaajila olaanaa kannaa jiraachuu ibsameera.
 
Saatalayitiin ‘ET Smart’ hanga ammaatti Birrii biiliyoonni 2 baasii itti ta’uu Dooktar Salamoon himaniiru.
 
Waggoottan kurnan dhufan keessa Saatalaayitoota 7 gara hawaatti furguuguf hojetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
 
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.