Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Saatalaaytii ETRSS -1 yeroo jalqabaaf gara hawaatti ergite ifatti Chaayinaa harkaa fuute

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan Saatalaaytii ETRSS -1 yeroo jalqabaaf giddugala furguga Saatalaayitii Chaayinaa magaalaa Taaywaanii gara hawaatti ergite ifatti Chaayinaa harkaa fuute.
 
Ityoophiyaan yeroo jalqabaaf Muddee 10, 2012 Saatalaayitii gara Hawaatti furguuguun ishee kan yaadatamuudha.
 
Sirni walharkaa fuudhinsaa manneen hojii biyyoota lamaanii gidduutti gaggeeffamuuf ture sababa weerara vaayrasii koroonaan harkafachuun isaa himameera.
 
Haaluma waliigaltee biyyoota lamaanitiin Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa guyyaa kaleessaa akkaadaamii teeknooloojii hawaa Chaayinaatti walharkaa fuudhiinsa raawwaataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.