Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan tapha gulaallii Waancaa Addunyaa Kuwaataariif Gaanaa fi Afrikaa Kibbaa waliin ramadamte

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Gareen Biyyaaleessa Ityoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa bara Faranjootaa 2022 Kuwaatariif Gaanaa fi Afrikaa Kibbaa waliin ramadamte.

Ramaddii gulaallii kanaan Ityoophiyaan ramaddii 7ffaa keessatti ramadamtee jirti.

Ramaddii kana keessatti Gareen biyyaaleessa Ityoophiyaa, Gaanaa, Afrikaa Kibbaa fi Ziimbaabiween ramadamaniiru.

Carraa Rammaaddii isaaniin tapha deebii waliinii taphachuun  biyyoonni  moo’atan 5 waancaa Addunyaa Kuwaatar irratti Ardii Afrikaa bakka bu’uun ni hirmaatu jedhameera.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.