Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan vaayrasii noovil koornoo ittisuu fi to’achuuf hojjechaa jirti- inistiitiyuuticha

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Vaayrasiin noovil koornoo Ityoophiyaatti miidhaa akka hin qaqqabbsiisne hojiin ittisaa fi to’annoo hojjetamaa jiraachuu Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Hojiin ho’ina qaamaa imaltootaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti adda baasuu eegalamuu Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Imaltoota gara Ityoophiyaa seenaniif tajaajilli ho’ina qaamaa adda baasuu laatamuu eegaluu inistiitiyuutichatti ibsa har’a laaten beeksiseera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayrasiin noovil koornoo Muddee 21,2012 eegalee Chaayinaa naannoo Wuhaanitti mudachuusaa ifoomsera.

Sanaan boodas dhaabbatichi of eeggannaan akka taasifamu dhaamera.

Inistiitiyuutichi naannolee fi dhaabbileen qooda fudhattootaa ittisaa fi to’annichaaf qophii akka taasisan hojjechaan jira jedhameera.

Amma har’a Amajjii 15,2012tti waliigalaan namoonni 581 vaayrasichaan qabamuun gabaafameera.

Namoonni 571 Chaayinaa qofarraa kan gabaafaman yoo ta’u, kanneen keessaa 26 lubbuun isaanii darbeera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.