Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan weerara awwaannisaa to’achuuf hojjechaa jirti

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan weerara awwaannisaa si’a 2ffaa to’achuu yoo hin danda’in oomisha idilee fi jallisiirratti miidhaa qaqqabsiisuu mala jedhame.
 
Ministeera Qonnaa FDRItti daayreektarri eegumsa biqilootaa Zabdiyoos Sallaattoon Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniin akka beeksisanitti, weeraricha ittisuu fi to’achuuf hirmaannaa hawaasaa dabalatee mala aadaa fi helikooftaraan hojjetamaa jira.
 
Yaata’uutii akka barbaadamutti ariitiin to’achuu dandeessisaa hin jiru jedhaniiru.
 
Naannon Oromiyaa fi Kibaas weeraricha ittisuun xiyyeeffannaa akka barbaadu ibsaniiru.
 
Awwaannisni kun guyyaatti amma kiilo meetira 150 imaluu danda’a.
 
Walhormaata isaatin Saawdii Arabiyaa, Yaman, Joordaan, Oomaan, Iiraan, Hind, Paakistaan, Ityoophiyaa, Eertiraa fi biyyoota kaaba Afrikaa qaqqaba.
 
Dhuma bara Faranjootaa 2018 eegalee baatiiwwan torban darbanitti Ityoophiyaa, Yaman, Soomaaliyaatti miidhaa qaqqabsiisaa tureera.
 
Weerarri awwaannisaa kun Ityoophiyaatti marsaa lamaan Waxabajjiidhaa amma Onkololeessa dhumaatti naannoo Afaar, kaaba baha Amaaraa, kibba Tigraay, baha Soomaalee fi Oromiyaatti bahaa fi dhiha Harargeedhaa amma Dirree Dawaatti waliinga’eera.
 
Naannoo Oromiyaatti gammoojjii Baale, Booranaa fi Gujiitti, Kibbattis bal’inaan muul’ateera.
 
Yeroo ammaatis Soomaaliyaadhaa Soomaalii Laanditti bal’inaan weerarichi ittifufeera.
 
Naannoo Oromiyaatti Shawaa Bahaa, Kibba Lixa Shawaa, Shawaa Lixaa, Arsii fi Mojoottis babal’achuun oomisharratti miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhan Biiroo Qonnaa Oromiyaatti daayreektarri eegumsa biqilootaa Dajanee Hirphoon.
 
Naannoo Kibbaatti guyyiitii 20 keessatti ka’umsa isaa Burjii, Ammaarroo fi Yaa’a Balloo taasisuudhan, godinaalee 7tti miidhaa qaqqabsiisera; weeraricha ittisuunis itti fufeera.
 
Biifaan keemikaalaa helikooftaraan raawwatamu bakka namoonni heddummaatanii jiraatanitti ta’uu waan hin dandeenyef, hawaasni awwaannisicha ari’uurra ajjeesuun hir’isuun ni filatama jedhaniiru.
 
Dhaabbileen idil addunyaas weeraricha ittisuurratti tumsuuf fuula isaanii garana garagarchaa jiraachuu Ministeera Qonnaa FDRItti daayreektarri eegumsa biqilootaa Zabdiyoos Sallaattoon himaniiru.
 
Kanaafis Dhaabbanni Deeggarsaa Ameerikaa(USAID) Doolaara kuma 800 gumaachuuf waadaa galeera.
 
Afawarq Alamuutu gabaase.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.