Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaannonni sagalee deeggarsa hidha Haaromsaa Guddichaf dhageessisaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 26, 2012 (FBC) – Ityoophiyaannonni bakka jiran ta’aani guyyaa har’a sa’aa 10 irraa eegalee sagalee deeggarsa Hidha Haaromsaa guddichaaf dhageessisaa jiru.

Mata dure ‘sagaleen keenya hidha keenyaaf ’ jedhuun lammiileen Ityoophiyaa addunyaarratti argaman deeggarsa hidhichaaf qaban sagalee dhageessisaa jiru.

Sagantaan dhimmichaaf qophaa’ee Hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffama jira.

Saganticharratti itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin argamaniiru.

Akkasumaas artiistoonni, hayyoonni, abbootin siyaasaa, abbootiin amantaa fi bakka buutoonni hawaasa irratti argamaniiru.

Hirmaattoonnis karaa garaagaraan Hidha Haaromsaa Guddichaaf sagalee deeggarsaa dhaagessisaniiru.

Daandiiwwan magaalaa Finfinnee hedduurratti hawaasni gammachuu itti dhaga’amee ibsataa jiru.

Sagantaa waajjirri Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa uummataa Hidha Haaromsaa Guddichaa fi dhaabbata Liift Ityoophiyaa jedhamuu waliin qopheessaanin Ityoophiyaanonni sadarkaa hidhichi irra ga’eef galata dheeyessuu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.