Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 11 dorgommii kalaqa daldalaa Afrikaanotaa injifatan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni 11 dorgommii kalaqa daldalaa Afrikaanotaatin badhaafamuufi.
 
Dorgommicharratti kan hirmaatan Afrikaanota kuma 1.
 
Ambaafraans akka beeksisetti Ityoophiyaanonni 11 dorgomicha injifachuudhan badhaasaf qaqqabaniiru.

Bu’aan dorgommichaas Zaambiyaatti imbaasii Faransaay, waajjira olaanaa yaa’ii Faransaay – Afrikaa, Diijjiitaal Afrikaa fi yaa’ii abbootii murteetin ifoomera.
 
Badhaasni kalaqa biiznasii kun Caamsaa 27,2012 Faransaayitti gaggeeffamuuf karoorfamee kan ture yoo ta’u, sababii weerara vaayrasii koroonaatin yeroo birootti dabarfameera.
 
Injifattoonni maallaqa, leenjii, hidhataa fi proojaktoota isaanii hojiirra oolchuun fayyadamoo ni ta’u.
 
Dorgommii kanarratti Afrikaanonni kuma 1 ta’an biyyoota Afrikaa 53 irratti hirmaataniiru.
 
Kalaqoonni isaanii bishaan, eegumsa qulqullinaa, balfa qulqulleessuu, inarjii, barnoota, teeknooloojii diijjiitaalaa, qonna, qorannoo sochii namaarratti kan xiyyeeffatanidha.
 
Dorgomtoonni hedduun umriin isaanii waggaa 24 hanga 30 yoo ta’an, hojiitti ega bobba’anii waggoota 3 kan hin dabarredha.
 
Proojaktichi Faransaayii fi biyyoota Afrikaatin kan qophaa’edha.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.