Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 92 Yaman irraa deebi’an

Finfinnee, Eebla 6, 2013 (FBC)- Ityoophiyaanonni 92 Yaman irraa deebi’uu Waajjirri Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa beeksise.
Lammiileen Yamanitti argaman gara biyyaatti akka deebi’aniif gareen jila Ministeerri Dhimma Alaa Ejansii Immigireeshinii Lammummaa fi Galmeessaa Ragaalee walitti baba’e gara Edan imaluun hojii sanada imalaa fiduu raawwachuu ibsameera.
Bu’uuruma kanaan lammiileen 92 guyyaa har’aa Yaman irraa gara biyya isaanitti deebi’aniiru.
Lammiileen kunneen wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’anitti Bakka Bu’aan Daayreektara Dhimmoota Qonsilaa Ministeera Dhimma Alaa achitti argamuun simataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.