Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni hojii kalaqaarratti bobba’an dorgommii kalaqaa Jaak Maarratti akka hirmaatan affeeraman

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni hojii kalaqaarratti bobba’an dorgommii kalaqaa Jaak Maa qopheesserratti akka hirmaatan affeeraman.
 
Yeroo weerara vaayrasii koroonaa kanatti hojii kalaqaa hojjechuuf hedduun waamicha taasifame fudhachuun tattaaffachaa turuu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
Akkaatuma kanaan namoonni dandeettii kalaqaa dhiibbaa uuman qaban; gootota biiznasii Afrikaarratti ( www.africabusinessheroes.org/en/ ) akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Itoophiyaanonni hojii kalaquu irratt bobbaatan odeeffanno marsariitichaa dubbisuudhan hirmaattanii akka naannootti akka dorgomtan muummee ministiraa waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.