Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan faayidaa biyyaa kabachiisuuf kan hojjetan ta’uu beeksisan

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan dhimma Hidha Haaromsaarratti faayidaa biyyaa kabachiisuuf mari’atan.
 
Hidhichi hirmaannaa ummataatin kan eegalamee fi ijaarramaas kan jiru waan ta’eef, biyyoota keessa jiraatanitti faayidaa biyyaa kabachiisuuf kan hojjetan ta’uu marichaan kaasaniiru.
 
Dhalattoonnii fi lammiileen Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan dhimma hidhichaarratti hubannaan akka cimu, deeggarsi maallaqaa fi bittaan boondiis akka gaggeeffamu hojjechaa turuun isaanii ni yaadatama.
 
Ammas hojii diippiloomaasii mootummaan hojjetuun cinaatti faayidaa biyyaa kabachiisuuf ni hojjenna jedhaniiru.
 
Miisiyoononni Ityoophiyaa biyyoota adaddaa jiran dhimmicharratti hojjechaa akka jiranii fi sadarkaa biyyaattis taask foorsin hyundaa’ee socho’aa jiraachuu Eejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiseera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.