Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoonni Taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa turan 40 har’a Finfinnee ni galu jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa turan 40 har’a galgala Finfinnee kan galan ta’uu Daara Salaamiitti Imbaasiin Ityoophiya beeksiise.
Imbaasichi lammiilee Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa jiran 80 dhaabbilee godaantootaa idil addunyaa waliin ta’uun gara biyyaatti deebisuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, har’a galgala namoonni 40 gara Finfinnee ni galu jedhaameera.
Lammiileen kunneen galgala har’aa sa’aatii 2: 30 irratti magaalaa Finfinnee kan ga’an ta’uu ibsameera.
Daawwaan Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen Taanzaaniyaatti taasiisan hordofee Preezdaantiin biyyattii Joon Maaguufuuliin lammiilee Ityoophiyaa mana hidhaa jiraniif dhiifama taasiisuu isaanii ragaan Imbaasicharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.