Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Faraansay dhaabbilee garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an daawwatan

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Faraansay Reemii Maareeshoon dhaabbilee garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an Yuunvarsiitii Walloo fi Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Dasee daawwataniiru.

Dhaabbilee kanneen  gara hojiitti deebisuuf deeggarsa kan taasisan ta’uu  ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Dasee Dooktar Haymaanot Ayyalaa dhaabbaticha gara hojiitti deebisuuf hojjetamaa jiraatus rakkoon hanqina meeshaalee olaanaan jiraachuu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT qabeenya hospitaalichaa Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoon dhibba1 ol saamuu fi barbadeessuu Ambaasaaddarichaaf ibsi kennameera.

Pirezedaantiin Yuunvarsiitii Walloo Dooktar Mangashaa Ayyanaa gamasaaniin, gareen shororkeessaa kun Yuunvarsiiticha guutumaa guutuutti barbadeessus, hojii baruu fi barsiisuu jalqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.