Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti bakkeewwan kenniinsa tajaajilaa kaartaa diijitaalaa Googil irratti galmeessuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti bakkeewwan kenniinsa tajaajilaa kaartaa diijitaalaa Googil irratti galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teekinooloojii Googlii fi dhaabbata “Afrikaa 118” jedhamu waliin ta’uun, leenjii galmeessa argama bakkaa kaartaa googilii irratti dhaabbilee Saayinsii, Teeknooloojii fi Infoormeeshin Teekinooloojii naannoleetiif kennaa jiraachuu ibsameera.

Leenjichi namoonni bakka kenniinsa tajaajilaa barbaadan haala salphaan argachuu kan isaan dandeessisu ta’uu himameera.

Galmeessi kun hojiilee karoora ce’umsa diijitaalaa Ityoophiyaa milkeessuuf hojjetaman keessaa isa tokko ta’uu ragaan Ministeericha irraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.