Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti bunni kiilo giraamni 1 Birrii 13,838 gurgurame

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Ityoophiyaatti bunni kiilo giraamni 1 Birrii 13,838 gurgurame.
 
Dorgommii dhandhama bunaa idil addunyaa Ityoophiyaatti yeroo jalqabaatif gaggeeffamerratti bunni kiilo giraamni 1 Birrii 13,838 gurgurameera.
 
Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan akka beeksisanitti bunni dorgommicharratti injifate kiilo giraamni 1 Doolaara Ameerikaa 407 yookin Birrii 13,838 gurgurameera.
 
Caalbaasicha kan injifate dhaabbata Jaappaan Maaruyaamaa jedhamu yoo ta’u, bunicha qabatee kan dhiyaate naannoo Kibbaa keessa kan jiraatu qonnaan bulaa Nugusee Gammadaati.
 
Bunni addaddaa 28 caalbaasidhaaf dhiyaatee, waliigalaan Doolaara 1,348,690tti kan gurgurame yoo ta’u, dorgommii “Kaapp oof eeksalansiin” gatii olaanaa ta’uun galmaa’era.
 
Bittuuwwan bunaa 168 kan biyyoota 33rraa walitti babba’an buna caalbaasicha injifate bituuf fedhii agarsiisaniiru.
 
Dhaabbanni Ameerikaa “Koofii At Intalajanshiyaa” jedhamu ammoo Sidaamaarraa sadarkaa lammaffaadhan kan injifate buna Waldaa Ruumaadiroo paawundiidhan Doolaara108, yookin Birrii 3672 biteera.
 
Sadarkaa sadaffaadhan bunasaa kan gurgurate Waldaan Daldalaa Teestii paawundiidhan Doolaara 66.6 yookin Birrii 2264 gurgurateera.
 
Oomishicha kan bite dhaabbata Taaywaan Bilaak Koofii yoo ta’u, bunni caalbaasiin irratti adeemsifame 28 jiddugaleessan Doolaara 28 gurguramaniiru.
 
Bunni addaddaa 28 kunneen waliigalaan Doolaara 1,348,690 kan gurguraman yoo ta’u, gatiin kunis seenaa dorgommichaatin olaanadha jedhameera.
 
Kanaan dura dorgommii akkanaatin bunni Eelsaalvaadoor Doolaara 830,245 gurgurameera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.