Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Dabalataan Namoota 169 Irratti Vaayrasiin Koroonaa Argame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 169 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 5798 hojjetameera.

Vaayrasichi namoota 169 irratti argamuu mirkanaa’era.

Namoota 169 keessaa 111 dhiirota,58 ammoo dubartoota.

Umriin isaanii waggaa 1 hanga 78 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

168 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 1 lammii biyyaa alaati.

Namoonni 138 magaalaa Finfinneedhaa.

Namoonni 4 naannoo Tigiraay.

Namoonni 6 naannoo Amaaraa.

Namoonni 4 naannoo Kibbaa.

Namni tokko naannoo Hararii.

Namoonni 5 naannoo Somalee.

Namoonni 11 naannoo Oromiyaa ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 1805 ga’aniiru.

Dubartiin umrii waggaa 35 lubbuun dabarteerti.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 19 ga’aniiru.

Namoonni haaraan 12 vaayrasicharra dandamataniiru.

Waliigalaan namnoonni 262 dandamataniiru.

Namoonni 18 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 131,368 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.